Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Boosat gandoota garaa garaa keessatti murni Bilxiginnaa qotee bultootni oomisha osoo hin galfanne ooyiruu irratti tilmaamuun kaffalachiisaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Fulbaana 28, 2025 

Fulbaana 25, 2025 Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota garaa garaa keessatti qotee bultoonni midhaan facaafatan osoo hin galfatin ooyiruu irratti tilmaamuun maallaqa sababni isaa hin beekamne akka kaffalan itti himamuu qonnaan bultoonni maqaa isaanii eeruu hin feene tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haaluma kanaan aanicha ganda Siifaa Battee bakka addaa Siifaa jedhamutti uummata xaafii haamuuf bobba’ee jiru dirqamaan hojii addaan kuchisiisanii walitti qabuun oomisha galfattan irraa yoo xiqqaate namni tokko qarshii kuma kudhan midhaan gurgurtanii maallaqa isaa daftanii akka nuuf dhiyeessitan ” jechuun uummata sababa qaala’iinsa jireenyaan jiraachuu dadhabe, oomisha sichi galu irratti labsii baasuu eeraniiru.

Kana malees ganda Saaraa araddaatti ergamtootni Bilxiginnaa saamichaaf mana jiraattotaa irra naanna’uun maallaqa kan nyaataa fi uffata milishaa fidaa jechuun uummata dararuu akkasumas karra kana akka hin taanetti ijaarte jechuudhaan diigsisanii maallaqa irraa funaanuun akka isaaniif tolutti mijeeffachaa akka jiran jiraattonni ni dubbatu

Exit mobile version