Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Wal-Qixxee keessatti waraanni Bilxiginnaa midhaan uummataa mancaasuun dhaga’ame 

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa wal-Qixxee Magaalaa Minaaree keessatti hidhattoonni murna Bilxiginnaa Fulbaana 2, 2025 ooyiruu uummataa keessatti  bobba’uun oomisha midhaanii hawaasni baatii gannaa itti dadhabaa ba’e saalfii tokko malee itti bahuun ciranii kan mancaasan yoo ta’u, kunis maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu dawoo godhachuun keessa taa’ee nu lola jedhuun akka mancaasan jiraattotni eeran.

Gosa midhaan boqqolloo uummanni ijoollee isaatiif asheeta facaasan illee osoo hin hambisin kan dhabamsiisan yoo ta’u, uummatni naannichaa midhaan nyaataa fi wabii jireenyaa dhabuun dararaa guddaa keessa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Bilxiginnaan goleewwan Oromiyaa garaa garaa keessatti midhaan gosa biyyee filata, kan nuti jenneen ala midhaan facaasuun hin danda’amu, namni gosa midhaan boqqolloo facaasee argame midhaanichuma keessatti boolla itti awwaalamu qotachuu qaba jechuun uummata doorsisaa akka turan irra deddeebiin gabaasaa tuurun keenya ni yaadatama.

Ergamtoonni Bilxiginnaa midhaan qonnaan bultootni dafqa isaaniitiin hojjetatan keessa deemuun suuraa ka’uu fi gargaarsa ogeessota qonnaatiin qonnaan bultootni callaa isaanii guddisanii jiru jechuun dubbii sobaatiin gabaasa kan dhiyeessan yoo ta’u, dhugaan jiru garuu qonnaan bulaan midhaan facaafachuuf xaa’oo maallaqa ofiitiin bitachuuf dursa deggarsa milishaa fi paartii jechuun maqaa gosa garaa garaa itti dhiyeessuun kan saamanii fi midhaan qonnaan bulaan abdii boruu godhatee ooyiruu isaa keessatti eeggatu mancaasaa jiraachuun ni mul’ata.

Ummanni Oromoo nageenya isaa murna Bilxiginnaan akka dhabuu ifatti osoo beekuu Bilxiginnaan biyya nuti harkaa qabnu keessatti guddinatu jira, qamadiin inisheetiiviin guddateera jechuun miidiyaa garaa garaa irratti gabaasa sobaa dhiyeessaa oolus dhaabbileen garaa garaa sadarkaa itiyoopiyaan keessa jirtu kan gabaasaniin yeroo wal bira qabamu kan wal hin madaalle ta’uun ni beekama.

Exit mobile version