Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti kaabinoonni fi loltoonni sirnichaa midhaan hawaasaa yoo mancaasan namootni aariin tarkaanfii fudhatan

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

Bilxiginnaan hojiin isaa  saamicha, hidhaa, gubaatii fi ajjeechaa hammeessuu malee nageenya waaraa impaayerattiif fiduu kan hin dandeenyee fi uummata cafaqee of jalatti  bulchuuf karoora mataa isaa baafatee, hojiiwwan farrummaa hojjechuu jabeessee jira.

Baha Shaggar aanaa Booraa gandoota aanicha jala jiran keessatti kaabinoonni bilxiginnaa mataa waraanaa ta’uun sochoosan uummata midhaan boqqolloo facaafatee jiru magaalaa Botee irraa kaasee hanga Ombolee jedhamutti  loon itti naquu fi cirsiisuun qabeenyaa hawaasaa mancaasuun beekamee jira.

Hagayya 14, 2024 kaabineen maqaan isaa Shuumii Hawaas jedhamu nama adda durummaan midhaan hawaasaa jalaa mancaasaa ture yoo ta’u, aarii guddaa keessa seenuun namootni naannichaa tarkaanfii irratti fudhataniiru.

Ergamaan Bilxiginnaa Shuumii jedhamu kun magaalaa Botee ganda Bosoqee jedhamu keessatti uummata miidhaan irra ga’een ajjeefameera.

Ajjeefamuu diina uummataa kanaanis hawaasni aanichaa hedduu gammaduun gochi inni uummata irratti dalagaa ture hedduu hamaa kan ta’ee fi hawaasni hiyyeessi midhaan isaa jalaa manca’e kunis bara dhufu rakkoon akka mudatu dubbataniiru.

Exit mobile version