Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar Aanaa Booraa fi Fantaallee keessatti kaabinoonni fi milishoonni Amaaraa uummata Oromoo saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Orma michoomfatanii qawwee itti hidhaa uummata Oromoo ammoo biyya abbaa isaa irratti diinomfachuun gidirsaa kan jiran ergamtoonni Bilxiginnaa, kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ilmaan Minilik hanga funyaaniitti qawwee itti hidhee uummata Oromootti bobbaasuun ajjeechaa, saamichaa fi yakkoota gara jabinaa hammeenyaan guutamanii fi suukkanneessoo ta’an  raawwachiisaa jira.

Onkoloolessa 23, 2024 aanaa Booraa ganda Bartaa Samii jedhamu keessaa kaabinoonni fi milishoonni Amaaraa walta’uun “hidhata Qeerroo Bilisummaa Oromooti” jechuun dargaggoo maqaan isaa Kadir Mahaammad jedhamu jalaa badii tokko malee Qamadii ardaba 50 jalaa saamamii fe’atanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akkasumas, gareen saamichaaf wal qindeessee bobba’e kun torbee darbe irraa jalqabuun godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee gandoota jiran hunda keessa naanna’uun saamicha geggeessuu kan itti fufan yoo ta’u, onkololeessa 22, 2024 mooraa Gidaaraa jedhamtu irraa bobba’uun ganda Unkulee Birkaa jedhamuun beekamu keessaa nama maqaan isaa Obbo Fantoo Boruu jedhamu jalaa qotiyyoo fudhatanii qalatanii jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Jiraattota gandoota aanaa Fantaallee kana keessatti argaman hunda irra naanna’uun dirqamaan galii gibiraa mana manatti qarshii kuma shan shan qopheessuu qabdu fi isin deggartoota WBO’ti isin balleessina jechuun hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti doorsisa isaanii itti fufanii jiraachuus jiraattonni kunneen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version