ONM-ABO Sadaasa 6, 2024
Duulli duguuggaa sanyii bifa qindaa’aa ta’een geggeeffamaa jiru Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufuun karaalee lama humna finxaaleessa Amaaraa Faannoo ofiin jedhuu fi Bilxiginnaan duguuggaan sanyii, mancaatii qabeenyaa qabee hanga hidhaatti uummata nagaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufee jira.
Akka kanaanis aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Jimaa jedhamu keessaa ergamtoonni sirnichaa maqaa “hidhata WBO qabdu” jedhuun jiraattota dararaa kan jiran yoo ta’u, Onkoloolessa 29, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Margaa Dibaabaa,
- Biraanuu Goobanaa,
- Dhaabaa Gurmeessaa,
- Morkaa Addaamuu,
- Yaaddessaa Dhugaasaa,
- Ayyaanaa Hafaa,
- Gonfaa Goobanaa,
- Daargee Urgeessaa,
- Tafarii Tolasaa jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee waajjira Poolisii magaalaa Haratootti hidhanii gar-malee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees ganduma kana irraa guyyuma kana nama Geetachoo Dheeressaa jedhamu jalaa saangaa inni gurgurachuuf gabbifatee manaa qabu milishoonni fi kaabinoonni gandichaa qalatanii nyaatanii jiru.
Dabalataanis nama maqaan isaa Shaanqoo jedhamu ammoo isa manaa dhabuun loon isaa 16 fudhatanii gara magaalaa Shaambuu geessuun kaabinoonni fi milishoonni sirnichaa gurgurachuun qarshii isaa adda hiratanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Sadaasa 2, 2024 qonnaan bulaa maqaan isaa adda hin baane tokko baadiyyaa irraa gara magaalaa Haratoo dhimma dhuunfaa isaaf kan deeme waraanni Bilxiginnaa osoo inni mana dhugaatiitii ba’uu qabuun badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf rasaasa itti roobsuun ajjeesuun ibsameera.
Aanaa Guduruu ganda Reef Tokko Taanee Guddanne jedhamu keessaa ammoo Sadaasa 4, 2024 waraanni garboomfataa PP daa’ima maqaan isaa Leencoo Garramaa Hundee jedhamu mana maatii isaatti ol itti seenuun badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, mucaan kun daa’ima siyaasni maal akka ta’e illee adda baasee kan hin beekne yoo ta’u, waraanni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa kun garuu naasuu tokko malee mana abbaa isaa keessatti fuula maatii isaa duratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu miira gaddaatiin ibsaniiru.

