Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti mana hawaasaa gubuun dhagaa’ame

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Uummatni Oromoo qe’ee isaa irra nagaan jiraachuu erga dadhabee bubbuleera. Murni  faashistii PP erga aangootti dhufee kaasee uummata Oromoo boochisuu malee guyyaa tokkoof illee nagaan jireenya boqonnaa qabu keenneefii kan hin beekne  ta’uun ni beekama.

Waraanni faashistii PP kun kaleessa Caamsaa 28, 2024 Baha  Shaggar aanaa Dugdaa ganda Qotee Bulaa Daraaraa Daalachaa jedhamutti nama maqaan isaa Dr Baatii Beenyaa jedhamu jalaa mana jireenyaa meeshaalee guutuu waliin yoo guban, midhaan gosa adda addaa kuntaala 20 fi Maallaqa 100,000 qabeenyummaan isaa kan afoosha uummataa ta’es faana barbadaa’ee jira.

Bifuma walfakkaatuun ganduma kana keessatti nama maqaan isaa obbo Aabbee Tufaa jedhamu jalaa mana jireenyaa 3  fi mootora bishaanii 4 kan qonna jallisiif oolu ibiddaan gubanii barbaadeessaniiru.

Aanaa kanatti akka walii galaatti uummanni waraana sirnichaafuu akkaataa itti qonnaa qotatu dhabuun hedduu rakkachuu illee dabaluun himaniiru. 

Exit mobile version