ONM-ABO Caamsaa 25, 2024
Erga lolli impaayera Itoophiyaa bifa haaraan mudachuu eegalee qabee sarbamiinsi mirgoota namoomaa fi yakkootni qaama aangoo impaayerattii of harkaa qabu kolonel Abiy Ahimediin Oromiyaa keessatti ta’aa jiru yaaddoo guddaa lammiilee Oromoo irratti uumee akka jirutu himama.
Keessattuu ajjeechaa jumlaa Oromoota irratti Oromiyaa kutaalee adda addaa keessatti guyyaa guyyaan ta’aa ooluun namnuu hiraarfama jabaa keessummeessaa jira.
Bifuma kanaanis Caamsaa 22, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa ganda Ajoo Bahaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Abbuu Fiixumaa Bashuudee jedhamu waraanni goolessaan PP yakka tokko malee ajjeesanii gatuun kan himamu yoo ta’u, sirni awwaalcha isaas Caamsaa 23, 2024 akka raawwatame jiraattonni dubbatan.
Oduu biraatiinis Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii ganda Tokkee jedhamu keessaa torbee darbe nama maqaan isaa ammaaf nu hin geenye tokko jalaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jedhuun waraanni faashistii PP mana lama jalaa gubuun, sangoota lamas jalaa akka ooffatan beekameera.

