Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Maqaa WBO waliin hidhata qabda jedhuun hidhaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa keessatti cimee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 14, 2024

Murni aangoo of harkaa qabu bilxiginnaan yeroo gara aangootti dhufee kaasee “WBO balleessinaa” dhaadannoo godhachuun, yeroo gara yerootti guutuu Oromiyaatti loltoota isaa maqaa sakkatta’iinsaan bobbaasuun hawaasa nagaa sababoota adda addaa itti maxxansee badii tokko malee yakkaa jiraachuun ni beekama.  

Haaluma kanaan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayya keessatti hidhaa fi dararaan jiraattota irratti maqaa ‘WBO waliin hariiroo qabduu fi ilmaan keessan’tu miseensa WBO’ti’ jedhuun raawwatamu jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM dubbise himaniiru.  

Ji’oota darban keessa ganda ‘Kuraa Bolaa’ jedhamu irraa jiraattotni maqaan isaanii:

  1. Taaddasaa Magarsaa,
  2. Tasfaayee Haacaaluu,
  3. Badhaadhii Tarrafaa,
  4. Daanyee Asaffaa,
  5. Abbuu Tarrafaa,
  6. Asafffaa Tarrafaa,
  7. Eebbisaa Baatirii jedhamanii fi kanneen biroon lakkoofsaan hedduu ta’an onichatti gaaffii tokko malee yeroo dheeraaf hidhamanii dararamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Hanga ammaattis mana murtiitti osoo hin dhihaanne waajjira poolisii aanichaa keessatti hidhamanii gidirfamaa akka jiran dabaluun ibsaniiru. 

Kana malees, gandicha keessatti yeroo ammaa kana waraanni faashistii PP mana uummataa cabsanii saamaa jiraachuus jiraattonni gandichaa itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version