ONM-ABO Hagayya 6, 2024
Murni aangoo of harkaa qabu bilxiginnaan yeroo gara aangootti dhufee kaasee “WBO balleessina” jedhee dhaadannoo godhachuun, yeroo gara yerootti loltoota isaa guutuu Oromiyaatti bobbaasuun maqaa sakkattaan yeroo bobbaafaman tooftaa fi tarsiimoo lolaan waraanicha dura dhaabbachuu dadhabuun hawaasa nagaa sababoota adda addaa itti maxxansuun badii tokko malee yakkaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, Godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree keessatti hidhaa fi dararaan jiraattota irratti maqaa ”WBO waliin hariiroo qabduu fi ilmaan keessantu miseensa WBO’ti ” jedhuun raawwatamu jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM dubbise himaniiru.
Adoolessa 24, 2024 ganda Burqaa Xaaloo jedhamu irraa dargaggoo maqaan isaa Mubee Jamaal jedhamu “hidhata WBO qabda” jechuun badii tokko malee waajjira poolisii onichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

