ONM-ABO Fulbaana 4, 2024
Murni aangoo of harkaa qabu bilxiginnaan yeroo gara aangootti dhufee kaasee WBO balleessinaa dhaadannoo godhachuun, yeroo adda addaatti loltoota isaa golee Oromiyaa cufatti bobbaasuun maqaa sakatta’a WBO’n yeroo bobbaafaman tooftaa fi tarsiimoo lolaan waraanicha dura dhaabbachuu dadhabuun hawaasa nagaa sababoota adda addaa itti maxxansanii badii tokko malee yakkanii dararaa tilmaama hin qabne irraan ga’aa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa gandoota adda addaa keessatti hidhaan jiraattota irratti maqaa “WBO waliin hariiroo qabdu” jedhuun raawwatamu jabaatee jiraachuu jiraattonni ONM dubbise himaniiru.
Aanaa Saasiggaa ganda Dangaallii Gonkee bakka addaa Abbaa Daalee jedhamu irraa Fulbaana 2, 2024 namootni maqaan isaanii:
- Mitikkuu Tarrafaa,
- Muluu Tarrafaa,
- Tolaa Tarrafaa,
- Shobbaa Tasfaa,
- Dabalaa Tasfaa,
- Shaanqoo Tasfaa,
- Dabalaa Kabbadaa,
- Hindhibuu Handashuu,
- Nagaasaa Gammachuu fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee loltoota bilxiginnaan qabamanii aanaa Saasiggaatti geeffamuun hidhaatti darbatamanii dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dabalataan, aanaadhuma kana ganda Tsigee Guddinaa bakka addaa Ambaltaa jedhamu irraa guyyudhuma kana jiraattotni maqaan isaanii:
- Caalaa Amsaaluu,
- Jammaraa Waaqjedhaa,
- Dabalaa Tamasgeen,
- Abdii Waaqbeekaa fi namoonni biroon hedduu ta’an gandicharraa loltoota sirnichaan qabamanii aanichatti hidhamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

