Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Siree keessatti maqaa leenjii waraanummaa jedhuun hawaasa nagaa dirqamsiisee jumlaan ukkaamsaa jiraachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Lola barcuma siyaasaa isaa tikfatu geggeessuun taayitaa irra tutturuu irratti fi waraana wabii jiraachuu isaa taasifachuun hojjechaa kan jiru gareen Bilxiginnaa, ammas lola biraaf yeroo qopha’aa jiranitti ergamtootni  koloneel Abiy Ahimed Fulbaana 21, 2025 irraa eegaluun godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Burqaa Xaaloo keessatti sababa leenjii waraanummaa jedhuun bifa haaraan jiraattota gandichaa hedduu dirqamaan ukkaamsaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoota bifa kanaan ukkaamfaman keessaa kanneen maqaan isaanii nu ga’e:

  1. Asaffaa Galaanaa,
  2. Darajjee Dhaabaa,
  3. Cimdeessaa Guutuu,
  4. Dinquu Tamasgeenii fi
  5. Ifaa Tamasgeen kanneen jedhaman yoo ta’an, 

namoonni biroon hedduunis jiraachuu himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen irra guddeessi isaanii namoota maatii horatan yoo ta’an; Fedhii isaanii malee dirqamaan gara leenjii waraanaatti akka guuraman himuun, gochi akkasii aanicha keessatti irra deddeebiin raawwatamaa akka jirus himaniiru.

Exit mobile version