ONM-ABO Fulbaana 10, 2024
Dinagdeedhaan quucarsuudhaan duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessaa kan jiru waraanni faashistii impaayerattii goleelee Oromiyaa mara keessatti maqaa “sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhuun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qabeenyaa isaa mancaasuu hojii idilee isaa taasifatee jira.
Haaluma kanaan, Fulbaana 6, 2024 waraanni goolessituu sirnichaa godina Lixa Shaggar aanaa Ammayyaa keessatti qabeenya uummata nagaa saamuu itti fufanii jiru.
Ganda Shuutee Targoo jedhamu keessatti nama maqaan isaa Obbo Alamuu Bulloo jedhamu jalaa sababii tokko malee loon kudhan saamuu maddeen eeranii jiru.
Akka maddeen eeranitti, namni qabeenyi isaa waraana sirna dhableessa PP’tiin jalaa saamame kun, nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa biratti jaallatamummaa qabu ta’uu himuun, badii tokko malee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta” jedhu itti maxxansanii saamicha irratti geggeessuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

