ONM-ABO Onkoloolessa 12, 2024
Afaan qawweetiin uummata meesha maleeyyii hacuucee bulchuuf kan dhama’u gareen nama nyaataan PP, golee Oromiyaa mara keessatti maqaa sakattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun loltoota isaa bobbaasuun hawaasa nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’eef qabeenya isaa ibiddaan barbadeessuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begiitti gubaatiin manneenii fi saamichi loltoota sirnichaan raawwatamu jabaatee jiraachuun eeramee jira.
Onkoloolessa 9, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa jedhamu keessatti namoota maqaan isaanii:
- Obbo Mahaammud Muusaa kan jedhamu jalaa mana jireenya isaa qabeenya guutuu waliin ibiddaan yoo barbadeessu, nama maqaan isaa,
- Obbo Adam Edaa jedhamu jalaa ammoo qotiyyoo cimdii tokko saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi yakki kun sababa sobaa maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun kan irratti raawwatame ta’uun ibsameera.

