ONM-ABO Muddee 11, 2024
Murni garboomfataan PP Koloneel Abiy Ahimediin durfamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne bobbaasuun hawaasa nagaa irratti miidhaa hangana hin jedhamne raawwachiisaa kan jiru ta’uun ni beekama.
Aanaa Begii ganda Lalistuu Lophii keessaa Muddee 5, 2024 loltoonnii fi ergamtoonni garee maafiyaa PP yakka tokko malee mana Obbo Beekumaa Addunyaa cabsanii seenuun qabeenyaa mana isaa keessa jiru guutummaa guutuutti saamuun, loon 18 fi harree lamas jalaa fudhatanii mana isaas ibiddaan gubanii yoo barbadeessan, Obbo Abrahaam Maammoo nama jedhamu jalaas loon 7 akkasumas, Obbo Lammii nama jedhamu immoo bara darbe keessas loltoota sirnichaan loon 8 jalaa saamamee kan turee fi ammas irra deebiin loon 2 maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo” qabda jedhuun jalaa saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Kana malees aanaadhuma kana ganda Abshaala Diinqaa jedhamu keessaa ammoo nama Obbo Bantii Imaanaa jedhamu jalaa Muddee 5, 2024 loon afur saamuu fi kanaan duras maqaa sobaa itti maxxansuun loon 18 jalaa saamanii kan turan ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

