ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2024
Uummata nagaa saamuu, ajjeesuu fi hidhuun jijjiirama fida jedhee kan amanu murni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti waraana isaa bobbasuun haadha hiyyeessaa boochisaa dureessa ammoo hiyyoomsuu irratti xiyyeeffatee saamicha uummata nagaa irratti raawwachuu cimsee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, aanaa Yemaaloogii Walal ganda Gudaattuu Micoo keessatti Onkolooleessa 25, 2024 loltoonni impaayera Itiyoophiyaa maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun nama maqaan isaa Obbo Daawwit Faantaa jedhamu jalaa badii tokko malee qotiyyoo tokko kan qarshii kuma jaatamaan bitame fudhatanii deemuu isaanii jiraataan gandichaa tokko ONM’tti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, namni kun siyaasa dhaaba kamii keessaayyuu kan hin qabnee fi qonnaan bulaa hojii qonnaa qofa irratti bobba’uun jiruu fi jireenya isaa geggeeffatu ta’uu dubbata.
Dabalataan godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Abshaala Dinqaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 24, 2024 waraanni sirnichaa saamicha daangaa darbe raawwachaa kan turan yoo ta’u, ganda kana keessaa namoota maqaan isaanii:
- Obbo Bantii Imaanaa jalaa loon sagal (9),
- Kadir Nuuraddiin jalaa loon lama (2),
- Mazgabuu Nuuraddiin jalaa loon sagal (9),
- Abdallaa Taaddasaa jalaa loon kudha saddeet (18) akkasumas,
- Duulaa Waaqjiraa jalaa Korma tokko (1) saamanii jiraachuu maddeen himan.
Ergamtoonni bilxiginnaa kun saamicha isaanii ittuma fufuun, guyyuma kana aanichuma ganda Haci’oo Hordaa jedhamu keessaa ammoo:
- Obbo Nuuraddiin Guddinaa jalaa loon lama (2),
- Tamaam Idiriis jalaa loon lama (2),
- Qaadii Galataa jalaa Korma tokko (1) yoo saaman, nama maqaan isaa Obbo Jabaladdiin Taaddasaa jedhamu ammoo qabanii mana hiraarsaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

