Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallagga Aanaa Laaloo Assaabii keessatti Barsiisota dabalatee namoonni hedduun yoo hidhaman, aanaa Begii keessatti ammoo saamichi cimee itti fufee jiraachuun himame

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024 

Umurii aangoo isaa dheereffachuu fi dheebuu barcuma siyaasaa qabuuf jecha uummata nagaa dararaa kan oolu murni nama nyaataan PP, kutaalee Oromiyaa cufa keessaa namoota nagaa siyaasa kam irraa bilisa ta’an hidhuu, ajjeesuu fi saamuu cimsee itti fufee jiraachuun ni beekama. 

Jalqaba ji’a Onkoloolessaa keessa ergamtoonni Bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Arroojjii Seerdoo keessaa Barsiisota mana Barumsaa Arroojjii Agamsaa fi Mana barumsaa Waloo sadarkaa tokkoffaa kan ta’an kanneen maqaan isaanii:

  1. Barsiisaa Solomoon Biyyanaa fi
  2. Barsiistuu Luuccee kan jedhaman akkasumas, hojii daldalaa hojjechuun kan jiraatu nama maqaan isaa obbo Baayyoo Geetaachoo jedhamu badii tokko malee mana hidhaatti darbachuun hanga har’aatti hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Barsiisaan “qartuu dhalootaa” ta’ee osoo jiruu bara Bilxiginnaa keessa kabaja dhabuun bakka hundatti dararamaa kan jiruu fi miindaan isaaf kaffalamullee jireenya harkaa gara afaaniirra kan hin dabarre ta’uun ibsameera.

Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo godinichuma aanaa Begii ganda Gabaa Sanbataa jedhamu keessaa Onkoloolessa 21, 2024 waraanni maafiyaa PP badii tokko malee horsiisee bulaa maqaan isaa obbo Nuuraddiin Qana’aa jedhamu jalaa loon Cimdii tokko kan tilmaamaan qarshii kuma dhibba tokkoo fi jaatama (160,000) bituu danda’an saamanii deemuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version