ONM-ABO Fulbaana 12, 2024
Murni goolessaan impaayerattii maqaa addaa addaa namootatti maxxansuun sobaan yakkuun gaaffii seeraa tokko malee hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi gocha farrummaa hedduu irratti raawwachuu itti fufuun uummanni wabii jireenyaa dhabee ba’aa fi gala dhorkamee gidiraa cimaa qe’ee isaanii irratti argaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan Fulbaana 10, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Warra Jirruu Bachoo keessatti bobba’uun nama maqaan isaa Obbo Baanja’uu Daaqaa jedhamu abbaa ijoollee torbaa kan ta’an, bakka isaan loon tiksanitti WBO soortu jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatanii jiru.
Oduuma wal fakkaatuun aanaadhuma Laaloo Assaabii ganda Arroojjii Soorettii keessatti badii tokko malee Fulbaanuma 10, 2024 galgala dargaggeesa maqaan isaa Nabiyyuu Ginnaa jedhamu rasaasa itti dhukaasuun galafachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

