Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabii keessatti loltoonni faashistii PP qonnaan bulaa tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Amuruu Abbaa Waaree irraa waraanni Bilxiginnaa Waxabajjii 22, 2025 halkan keessaa toora sa’atii 8:00’tti qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Abdiisaa Maajoree jedhamu badii tokko malee mana isaa deemanii erga ukkaamsanii booda harka isaa lamaan duubatti naannessanii hidhuun aanichuma ganda Diinii jedhamutti geessanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, Obbo Abdiisaan siyaasa kam keessa kan hin jirree fi abbaa daa’ima tokkoo yoo ta’u, jaleewwan Bilxiginnaa ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhu itti maxxansuun haala hedduu nama gaddisiisuun ajjeesuu dubbatu.

Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu bartee kan taasifatan waraanni faashistii PP, haala duraan amaleeffataniin olitti duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Exit mobile version