• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assabii keessatti waraanni Bilxiginnaa nama nagaa tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan

Sep 12, 2024

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Murni goolessaan impaayerattii maqaa addaa addaa namootatti  maxxansuun sobaan yakkuun gaaffii seeraa tokko malee hidhuu, ajjeesuu, saamuu fi gocha farrummaa hedduu irratti raawwachuu itti fufuun  uummanni wabii jireenyaa dhabee ba’aa fi gala dhorkamee  gidiraa cimaa qe’ee isaanii irratti argaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan Fulbaana 10, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Warra Jirruu Bachoo keessatti bobba’uun nama maqaan isaa Obbo Baanja’uu Daaqaa jedhamu abbaa ijoollee torbaa kan ta’an, bakka isaan loon tiksanitti WBO soortu jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatanii jiru.

Oduuma wal fakkaatuun aanaadhuma Laaloo Assaabii ganda Arroojjii Soorettii keessatti badii tokko malee Fulbaanuma 10, 2024 galgala dargaggeesa maqaan isaa Nabiyyuu Ginnaa jedhamu rasaasa itti dhukaasuun galafachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading