ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025
Aanaa Laaloo Assaabii ganda Nabboo jedhamu keessatti Amajjii 30, 2025 dargaggoo maqaan isaa Daawwit Shuumii jedhamu milishoonni Bilxiginnaa yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees Amajjii 29, 2025 waraanni goolessaan PP aanaa Begii ganda Laaloo Nooraa keessatti maanguddoo ganna 80 olii Obbo Huseen Likkaasaa kan jedhaman maqaa ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun mana jireenyaa isaatii gadi baasanii haala nama suukkaneessuun akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffi isaa illee osoo hin kaafamin bineensaan nyaatamuu maddeen ONM’tti himan.
Hidhattootni murna Bilxiginnaa ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatan ittuma fufuun, aanaadhuma Begii ganda 02 keessaa dargaggoo ganna 26 baatii tokkoo oliif hidhanii dararaa kan turan yoo ta’u, nama maqaan isaa Hambisaa Kidaanee jedhamu ammoo Amajjii 28, 2025 mana hidhaa keessaa baasuun mooraama waraana isaanii keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa isaa waraabessa nyaachisuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Oduu hidhaatiin ammoo godinuma kana aanaa Begii ganda Fongoo Waabaraa keessaa Amajjii 29, 2025 shamarree Lalisee Dabalaa fi dargaggoo Abdii Dabalaa jedhaman waraanni maafiyaan PP badii tokko malee reebicha hamaa irraan gahuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun himan.

