Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii fi Begii keessatti ilmaan Oromoo lama ajjeesan

Godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii fi Begii keessatti ilmaan Oromoo lama ajjeesan.

( ONM-ABO Caamsaa 29,2022)

Murni maqaa mootummaan of ijaaree uummata Oromoo irratti yakka sanyii duguggaa raawwachaa jiru, gocha badii isaa itti fufuun torbee kana keessa ilmaan Oromoo lama badii tokko malee godina lixa Wallaggaa onoota lama keessatti waraana seera hin qabnee isaa itti bobbaasuun ajjeesisee jira.

Haaluma kanaanis dheengadda Caamsaa 26,2022 godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii ganda Hordaa Daalattii bakka addaa Beeteroo jedhamutti qeerroo maqaan isaa Biqilaa Shifarraa jedhamu ganama keessaa toora sa’a 3:00tti rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Oduma wal fakkaatuun godinuma lixa Wallaggaa ona Begii keessa ganda Taajaa bakka gabaa Arbii jedhamu irraa nama erga fuudhee bultii godhatee waggaa lama ta’e Hamzaa Hajii Qajeelaa jedhamu Caamsaa 24,2022 badii tokko malee rasaasaan rukutuun ajjeesanii jiru.

Mootummaan sirna PP lubbuun ilmaan Oromoo isa hin mararre onootaa fi gandoota bobba’e cufa keessatti ilmaan Oromoo yakka tokko keessaa quba hin qabne rasaasa itti roobsuun sanyii duguggaa addunyaan hin beekneef irratti raawwachaa jira.

Exit mobile version