Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti ajjeechaan uummata nagaa irratti raawwatu itti fufuun qeerroowwan sadii waraana murna bilxiginnaan ajjeefaman

Godina lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti ajjeechaan uummata nagaa irratti raawwatu itti fufuun qeerroowwan sadii waraana murna bilxiginnaan ajjeefaman.

ONM-ABO Hagayya 22,2022 Daballoonni sirna bilxiginnaa uummata Oromoo Oromummaa qofaan yakkuun hedduu isaanii hidhaa gariin ammoo ajjeesuun sanyii duguggaa lammiilee nagaa irratti raawwachuun barcuma siyaasaa Abiy Ahimed jalatti tiksuuf yakka seenaanis ta’e seerri hin daganne raawwachaa jiru.

Sirni badiif qarqara irra ga’e jiru uummata nagaa badii tokko illee hin qabne ajjeessuun gadaa aangoo isaanii dheereffachuuf hojjechaa jiran kun godina Lixa Wallaggaa ona Laaloo Assaabii keessatti ji’oottan kana qofaa lubbuu lammiiwwan nagaa hedduu ajjeessanii jiru.

Sirni PP uummata Oromoof naasuu hin qabne Hagayya 18,2022 qeerroowwan Oromoo lama ona Laaloo Assaabii ganda Abboonnoo jedhamu keessatti kan ajjeesan yoo ta’u qeerrowwan kunis maqaan isaanii Lataa Abbayyaa fi Fedhasaa Badhaasaa kanneen jedhamaniidha.

Humni Sirna dugguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachuuf bobbaafame kun dheengadda Hagayya 20,2022 waaree booda ganda Jaarsoo Daamotaa jedhamu keessatti qeerroo maqaan isaa Biqilaa Waaqgaarii jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeessuun gatanii jiru.

Murni badii bilxiginnaa ilmaan Oromoo ajjeesuutti gammachuu qabuu fi duula ijibbaataa humna finxaaleyyii Amaaraa sirna Minilik tiksuuf dhama’aan uummata oromoo nagaa irratti bobbaasee ilmaan Oromoo bahaa fi gala dhorkee jiru ajjeechaa ganda Laaloo Assaabii gandoota cufa keessatti raawwachaa jiruun cinaatti saamicha, hidhaa fi guddeeddaa idileeffatanii raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Exit mobile version