Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabii keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa nama nagaa tokko haala suukkaneessaan ajjeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Amajjii 31, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Axxossii Sibanii keessatti gara jabeeyyiin loltoota faashistii Bilxiginnaa kanneen barcuma aangoo nam-tokkee tiksuuf halkaniif guyyaa ifaajan nama nagaa haala suukkaneessaan ajjeessuun himame.

Amajjii 29, 2026 waraanni murna Biltxiginnaa kunneen nama nagaa maqaan isaa Bokkaa Tarrafaa jedhamu sababa tokko malee mana isaatti dhaquun rasaasa 7 itti roobsuun haala dhaggeettii gurraaf nama sururuun ajjeesanii deemuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka jiraattoonni naannichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranitti, namni nagaan ajjeefame kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin qabne ta’us, sababa malee mana isaatti dhaquun ajjeechaa irratti kan raawwatan shiftoonni Bilxiginnaa kunneen gochi isaanii kun hawaasa naannoo sanaa hedduu rifachiisee jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version