Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa dargaggoo tokko haala suukkaneessaan ajjeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Guraandhala 3, 2026 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Uuchee keessatti gara jabeeyyiin loltoota faashistii Bilxiginnaa kanneen barcuma aangoo nam-tokkee tiksuuf halkaniif guyyaa ifaajan gocha rifaasisaa dargaggoo ol’ adeemaa tokko ajjeesanii raawwachuun himame.

Guraandhala 1, 2026 aanaa Daarimuu ganda Uuchee keessatti dargaggoo maqaan isaa Gaaddisaa Tasfaa Raggaasaa jedhamu qunnamtii “WBO” jechuun haala sukkaneessaan ajjeessanii deemuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka jiraattonni himanitti dargaggoon ajjeefame kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin qabnee fi doqdoqqeen nama deddibisuun galii isaatiin ofiif maatii isaa kan jiraachisu ta’uu himanii jiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa godina kana keessatti tarkaanfii “WBO”n irratti fudhatuun wal qabatee maqaa isintu nutti waame akkasuma ni soortu jedhuun dargaggoota egeree Oromiyaa ta’an qabanii mana hidhaatti dararuu irra darbee guyyaa guyyaan haala suukkaneessaan ija maatii duratti ajjeesanii deemuun jiraattota naannoo sanaa gaddisiisaa fi yaaddeessaa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version