ONM-ABO Fulbaana 20, 2025
Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Imbooroo keessaa torban lamaan darbe keessa dargaggoo maqaan isaa Kamiil Tamaam jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee “shakkamaa siyaasaati” jedhanii ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Daarimuutti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees aanichuma ganda Guurii jedhamu irraa ogeessa fayyaa kan ta’e nama maqaan isaa Abdiisaa Moosisaa jedhamu gara jabeeyyiin loltoota PP kunneen maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof qoricha kennita” jechuun bakka hojii isaa magaalaa Daarimuu keessaa qabuun gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii aanichaatti baatii tokkoo oliif hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeranii jiru.
Haaluma wal-fakkaatuun aanaadhuma Daarimuu ganda Gobbee Goboraa keessaa nama maqaan isaa Sheek Mizbaawuu Shaashoo jedhamu maqaa “WBO’f nyaata kennita” jedhuun qe’ee fi maatii isaa irraa ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Daarimuutti hidhanii dararaa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.

