Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa jiraattota hidhanii dararuu akkaan cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Caamsaa 21, 2025 

Teessoo siyaasaa nam-tokkee tiksuuf goleewwan Oromiyaa cufatti kan bobbaafaman jaleewwan Bilxiginnaa, ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkuun gochoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo keessatti dhalatee kan guddate dargaggoo maqaan isaa Abdee Iddoosaa jedhamu osoo inni dhimma dhuunfaa isaaf godinichuma aanaa Biloo Noophaa irraa gara magaalaa Noophaatti imalaa jiruu loltoonni faashistii PP daandii irratti eeggachuun “fuulli kee haaraadha; ni shakkamta” jedhanii ukkaamsuun gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii magaalaa Noophaatti torban sadii oliif hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoo Abdeen siyaasa kam irraa walaba kan ta’ee fi hawaasa naannoo isaa birattis jaallatamummaa fi kabaja guddaa kan qabu ta’uu dubbatu. Haa ta’u malee ergamtootni Abiy Ahimed dargaggoo kana malee namoota biraas gocha isaanii malee ilaalcha siyaasaan yakkanii saamuu fi hidhanii dararuu hojii idilee isaanii godhatanii jiru.

Exit mobile version