ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Gobbee Goboraa jedhamu irraa waraanni maafiyaan PP dargaggoota maqaan isaanii:
- Yaayyuu fi
- Rashiidoo
jedhaman badii seeraa tokko malee reebicha ulfaataa erga irratti raawwatanii booda ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa Daarimuutti torban lamaa oliif hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi jireenya dhuunfaa isaanii geggeeffachuu qofaaf kan carraaqqatan yoo ta’an, ergamtoonni sirnichaa garuu maqaa sobaa “miseensa WBO’ti” jedhu itti maxxansuun hidhaatti kan darbatan ta’uu dubbatu.
Naasuu fi gara laafina tokkollee dhala namaaf kan hin qabne gara jabeeyyiin ergamtoota sirna PP, goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhan bobba’uun meesha maleeyyii ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa kan jiran ta’uun ni beekama.

