ONM-ABO Amajjii 31, 2024
Lafa hawaasni Oromoo irra qotachuun ilmaan isaanii ittiin guddifatan godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Beenaa 4ffaa jedhamutti abboota qabeenyaan jalaa saamamaa akka jiru jiraattotni kan himan yeroo ammaa maqaa Inveestimeentii jedhuun namootni hedduun qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa buqqa’aa jiru jechuun dubbatu.
Qonnaan bultootni aanaa Daarimuu kana keessaa buqqa’aa jiran beenyaan tokkollee kaffalamaa fi Kan hin jirre hogguu ta’u, doorsisni kaadiroota sirna PP fi milishootaan jabaatee jiraachuun namnuu mirga gaaffii gaafachuu mulqamuun rakkoof saaxilamanii jiraachuun beekameera
Namootni hedduun ilmaan isaanii waliin torbanoota lamaan darban irra eegalee jireenya gadadoo isaan mudatee jiru waliin wal’aansoo jireenyaa kan wal qabaa jiranii fi kanneen qabeenyaa isaanii irratti hafanii jiranis hedduu buqqisuuf qophii irra akka jiran maddeen Onichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru

