ONM-ABO Onkoloolessa 23, 2024
Afaan qawweetiin uummata meesha maleeyyii cafaqee humnaan bulchuu kan barbaadu murni nama nyaataan PP umurii aangoo isaa dheereffachuu fi impaayera bututtuu suphuuf jecha, golee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromoo ukkaamsuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jira.
Haaluma kanaan waraanni goolessaan PP godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun beekamee jira.
Aanaa Daarimuu ganda Eeffarsii jedhamu keessatti murni garboomfataan Abiy Ahimed loltoota isaa bobbaasuun dhiittaa mirga namoomaa geggeessaa kan jiru yoo ta’u, wayita ammaa dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne namuma argan hunda gandicha keessaa qabuun gara aanaa geessanii “leenjii gaachana sirnaa” maqaa jedhuun humnaan leenjisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Qonnaan bultootni humnaan qabaman kunis maqaan isaanii:
- Kennasaa Warqinaa,
- Awwaluu Abdallaa,
- Nuuraddiin Olaanaa,
- Fedhasaa Sawuyyee fi qonnaan bultoonni hedduu humnaan qabamuun gara leenjii waraanaatti guuramaa jiraachuu maddeen gandichaa itti dabaluun himanii jiru.

