Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti loltoonni sirnichaa jiraattota gara leenjii waraanaatti guuruu, hidhuu fi saamuu hammeessan

ONM-ABO Muddee 27, 2024 

Loltoonni Abiy Ahimed akkuma bara kufaatii mootummaa Dargii waanti qabanii fi gadi lakkisan bitaa itti galuun bakka deeman maratti akka saree maraatuu lammiilee nagaa rakkisaa oolu.

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, ganda Waabeekoo jedhamu keessaa Muddee 24, 2024 abbootii warraa leenjii waraanummaaf hin deemnu jechuun hidhaman keessaa kan maqaa arganne:

  1. Badiruu Kadiroo,
  2. Yaaziid Kadiroo fi
  3. Kaliil Xurunaa kanneen  

jedhaman badii tokko malee qabanii deemuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Kana malees gandoota 52’n aanaan Daarimuu qabdu hunda keessatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen saamichi daangaa darbe ergamtoota sirnichaan raawwatamu jabaatee ittuma fufuun, nama tokko irraa gadaanaan qarshii 1500 fi olaanaan ammoo hanga 5000’tti saamaa kan jiran ta’uu maddeen himan. 

Dabalataan ganda tokko keessaa dirqamaan midhaan ardaba 90, buna kiilo giraama 35 fi qarshii 64,000 guuraa kan jiranii fi hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan waldhaansoo wal qabaa jiraatu waan kennu dhabee lubbuun jiraachuun illee itti hadhaa’uun sadarkaa yaaddessaa irra jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version