ONM-ABO Bitootessa 8, 2025
Aanaa Daarimuu bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni sirna bututaa suphuuf ifaajan hawaasa nagaa irra deddeebiin gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu ittuma fufuun, Bitootessa 5, 2025 gandoota akka:
- Beenaa 1’ffaa,
- Beenaa 2’ffaa,
- Beenaa 3’ffaa,
- Beenaa 4’ffaa fi
- Beenaa 5’ffaa irraa namoota ja’aatama ja’aatama
dirqamaan qe’ee fi maatii isaanii irraa qabanii jiraachuu jiraattonni gandoota kanneenii dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa itti aanus jechuun, Bitootessa 6, 2025 gandoota kanneen keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen ittuma fufuun jiraattota ukkaamsaa kan oolan yoo ta’u, sababuma kanaan namoonni hedduun qe’ee irraa baqachaa kan jiran ta’uunis barameera.
Kana malees, aanicha guutummaa magaalaa fi baadiyyaa keessatti namoota nagaa siyaasa kam keessa hin jirre “rifeensa dheereffattan” jechuun reebicha hamaa irraan gahuun hidhaatti darbataa jiraachuus jiraattonni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

