ONM-ABO Bitootessa 18, 2025
Aanaa Daarimuu ganda Beenaa 3’ffaa keessaa torban darbe irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti; “dirqamaan waraanummaa leenjitu” jechuun tiksitoonni sirnichaa qonnaan bultootaa fi maanguddoota dadhaboo homaa tokkollee hojjechuu hin dandeenye akkasumas dargaggoota dabalatee walumaa galatti gandicha keessaa namoota 240 walitti qabanii leenjisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Waraanni sirnichaa dirqamaan qe’ee tokkoon tokkoo jiraattotaatti ramadamee halkanii fi guyyaa bobba’uun namuma manatti argatan cufa ukkaamsaa jiraachuu himuun, namoonni hedduunis hin leenjinu jedhanii qe’ee fi qabeenyaa dhiisanii baqachaa jiraachuu fi gariin ammoo mana hidhaatti guuramaa kan jiran ta’uun ibsameera.
Hojii loltummaa baqachuun namoonni hidhamanii jiran maqaan isaanii:
- Abdallaa Mahaammad,
- Caalaa Nugusee,
- Nasiruu Mahaammadii fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.
Waltajjii addda addaa irratti dirqama guddaa dantaa biyyaalessaa eeguuf qopha’aa jirraa fi of qopheessaa jirra kan jedhan murni Bilxiginnaa, maqaa lola Ertiraa waliin seenuu danda’u jedhamee dubbatamaa jiru of dura qabuun dargaggoota Oromoo leenjii waraanummaaf guraa fi hawaasicha ammoo maqaa lolaan shororkeessaa jiraachuun barameera.

