Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti warannii PP walitti fufiinsaan jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 14, 2024 

Tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti ergamtoonni impaayera dulloomtuu Itiyoophiyaa suphuuf halkaniif guyyaa ifaajan, uummata Oromoo saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uu irra deddeebiin isiniif gabaasaa jiraachuun keenya ni yaadatama.

Aanaa Begii ganda Fongoo Waabaraa keessaa Muddee 10, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Saamu’eel Mikaa’el,
  2. Amdee Shifarraa,
  3. Zalaalem Saddeetaa,
  4. Maatiwoos Margaa,
  5. Maatiwoos Dingataa,
  6. Aminallaa Herregaa,
  7. Shabbir Yaadataa,
  8. Duulaa Sanbatoo,
  9. Abduramaan Qoomsil,
  10. Jamaal Raggaasaa,
  11. Gizawuu Addunyaa,
  12. Siraaj Gaaddisaa fi kanneen biroo hedduu ta’an ergamtoonni sirnichaa fedhii isaanii malee ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Aanicha keessaa jiraattonni hedduun leenjii waraanaaf ukkaamfamaa akka jiran yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuu fi tibba kanas gandoota aanichaa cufa keessatti kan durii caalaa jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version