ONM-ABO Hagayya 29, 2024
Tibba kana akka guutuu Oromiyaatti waraanni faashistii PP umurii teessuma siyaasaa koloneel Abiy Ahimed achi butuuf jecha duula hawaasa nagaa ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti dirqamaan fe’uu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, Baha Shaggar aanaa Dugdaa fi aanaa Booraa keessatti waraanni sirnichaa jiraattota dirqamaan qabuun gara leenjii waraanaatti erguu jabeessee jira.
Aanaa Dugdaa magaalaa Maqii akkasumas gandoota baadiyyaa aanichaa cufa dabalatee Hagayya 25, 2024 irraa eegalee hanga gabaasni kun qindaa’etti waraanni maafiyaa PP, ijoollee daa’ima umurii 15 gadii, qonnaan bultoota akkasumas dargaggoota dafqaan bulanii fi saboota kan biroo aanicha keessa jiraatan dabalatee hedduminaan ukkamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru .
Namoota aanaa kana irraa qabamanii gara leenjii waraanaa deeman keessaa muraasni isaanii:
- Gadaa Dabballee Goobanaa daa’ima umurii 13 kan ta’e,
- Nugusee Araarsoo Guddataa,
- Tasfaayee Maatiwoos sabaan uummata kibbaa kan ta’ee fi kanneen biroo lakkoofsaan hedduu ta’an dirqamaan gara leenjii waraanaatti fee’amuun beekameera .
Haaluma walfakkaatuun, aanaa Booraa magaalaa Botee dabalatee gandoota aanichaa cufatti jiraattonni hedduun waraana sirnichaan qabamuun uukkamafamanii gara mooraa leenjii waraanaa bilxiginnaatti guuramaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

