Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jiraattonni godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessaa humnaan leenjii milishummaaf geeffaman namoonni 55 ol  keessaa baduun beekame 

ONM-ABO Adoolessa 5, 2024

Yeroo adda addaatti qaamoleen waraana bilxiginnaa maqaa nageenya uummataa eegsisna jedhuun bobbaafaman namoota hojii qonnaa irratti bobba’an dirqamaan qabanii gara leenjiii milishummaatti guuraa turan.

Bilxiginnaan garee waraanaa, poolisii fi milishoota saamichaaf bobbaasuun cinaatti abbootii warraa hedduu kanneen hojii guyyaa hojjechuun maatii isaanii jiraachisan qe’ee onsanii  gara leenjii milishummaaf guuraa turanis namoonni hedduun sodaa lubbuu isaaniif erga dhaqaniin booda bakka leenjiitii baduun bakkoota adda addaatti jireenya dhuunfaa isaaniitti deebi’aa jiru.

Bifuma kanaan namoonni dirqamaan qe’ee isaanii irraa qabamanii godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessaa leenjii milishummaa fudhachaa turan  Adooleessa 2, 2024 aanaa Dugdaatti eebbifaman.

Haa ta’u malee milishoonni waraana faashistii PP’n dirqamaan leenjifaman kunneenis sirnichaaf hin hojjennu jechuun akkuma mooraa sirnichaa irraa eebbifamanii ba’aniin namoonni 55 ol baduun jireenya dhuunfaa isaaniitti deebi’aniiru.

Aanicha keessatti caasaaleen bilxiginnaan bitaman qabeenya namaa saamuu, gubuu, namoota hidhuu fi ajjeesaa jiraachuu isaanii kan xiyyeeffatan leenjifamtootni kunneen,   eebbaan booda obbo Gabbuu Hawaas jalaa re’oota sadii qalachuu yeroo arganitti nuti hawaasa keessatti qotannee,  yaafannee, horree, itti barsiifannee, gaddaa fi gammachuu waliin itti  argine irratti daba hin hojjennu jechuun keessaa akka badan namootni itti dhiyoo ta’an Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Kana malees abbootii qabeenyaa doorsisuun maallaqa hanga miliyoonaatti guuraa,  qallaba milishootaa maqaa jedhuun tokkoo tokkoo jiraattotaa akka gaafatanii fi kanneen ajaja isaanii fudhachuu didan irratti ajjeechaa raawwachaa akka turan ONM yeroodhaa yerootti gabaasaa ture.

Exit mobile version