ONM-ABO Amajjii 3, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa gandoota 5 keessaa torban lamaan darbe keessa namoota 171 leenjii milishummaaf dirqamaan ukkaamfaman keessaa namoonni 60 ta’an mooraa leenjii keessaa miliqanii badanii kan jiran ta’uu namoota miliqan keessaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Namoonni kunneen yeroo wal fakkaataa kan ukkaamfaman yoo ta’u, ganda Qajeelaa jedhamu irraa namoota 20 bakka qonnaatii osoo isaan sanyii facaasaa jiranii yoo ukkaamsan, ganda Eebbaa irraas kottaa waraqaa eenyummeessaa fudhaa jechuun namoota hedduu ukkaamsuun ibsameera.
Kana malees ganda Madda Jaalalaa keessaas namoota hedduu mana amantaatii yoo ukkaamsan, ganda Keenaafii fi Gaarii jedhaman irraas bakka hojii fi mana manarra deemanii dirqamaan fuudhanii gara mooraa leenjii kan geessan ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.
Bakki leenjiis godinuma kana magaalaa Ukkee ta’uu kan himan maddeen, mana onaa bakkuma tokkotti naquun halkan illee waan irra ciisan dhabuun kanneen qarshii qaban afata ofuuma isaanii bitachuun, kan hin qabne ammoo lafuma qullaa irraa ciisanii dhibee garaa garaaf saaxilamaa kan jiranii fi yeroo ammaas namoonni mooraa leenjiitti hafan hundi miliquuf haala mijataa dhabanii rakkachaa kan jira ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
