Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Limmuu, Haroo Limmuu fi Guutoo Giddaa keessatti hidhaa, ajjeechaa fi  dirqamaan leenjii milishummaa jechuun waraanni faashistii PP namoota hiraarsaa jiraachuun dhaga’ame


ONM-ABO Ebla 26, 2024

Murni bilxiginnaa uummata dirqamaan qabuun leenjii milishummaa fudhachiisaa jiru, Baha Wallaggaa aanaa Limmuu keessaa Ebla 24, 2024 gandoota aanichaa lama ganda Mukarbaa Diimaa fi ganda Sapheera Meexxii jedhaman keessatti hawaasa hunda jaarsaa fi jaartii, dhiiraa fi dhalaa, xiqqaa fi guddaa, fayyaa fi dhukkubsataa osoo hin jenne dirqamaan baasanii leenjisaa jiraachuun barameera.

Oduu biraatiin ammoo ona Guutoo Giddaa  keessatti namoonni shan Ebla 23, 2024 waraana shiftaa Abiy Ahimediin kan  ajjeefaman yoo ta’u,  namootni kunis ganda Qajeelaa jedhamu irraa dargaggoo Magarsaa Kibiruu, ganda Eebbaa keessaa, Yohaannis Ittafaa Wiirtuu fi  Iyyaasuu Geetuu Bantii kanneen jedhamanii fi namoota lama ammoo maqaa akkuma arganneen kan isin beeksisnu ta’a.

Oduu hidhaan wal-qabatuun ammoo  aanaa Haroo Limmuu ganda Hoomii Kalaalaa keessaa hawaasa nagaa hidhuun itti fufuun  Ebla 24, 2024 waraanni faashistii PP maqaa sakatta’insa WBO’n bobba’an namoota nagaa maqaan isaanii: Lammii Yaadataa, Maammoo Fayyisaa, Mul’ataa Maaruu, Geexee Qanaatee, Taaddaluu Tashoomaa fi kanneen maqaan nu hin geenye biroon magaalaa aanichaa Harootti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun beekameera.

Exit mobile version