Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuu  fi Guutoo Giddaa keessatti ajjeechaa fi hidhaa akkasumas, saamichi loltoota murna PP’n raawwatamu jabaate

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Koreen ajjeechaa mataa bilxiginnaan Oromiyaatti bobbaafame ilmaan Oromoo  ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi  qe’ee isaanii ibiddaan barbadeessaa jiran gochoota diinummaa isaanii itti fufuun uummata boqonnaa dhorkachaa jiru.

Xiqqaa hanga guddaa akkasumas beekaa hanga wallaalaatti lubbuu obbaasaa kan oolan faashistoonni murna PP dhala namaaf naasuu tokko hin qabne gochoota duguuggaa sanyii Oromoo irratti geggeessaa jiran haalaan hammeessanii jiraachuu jiraattoonni dubbatu.

Dheengadda Caamsaa 22, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Sugee Lalisaa jedhamu keessatti maanguddoo ganna 70 maqaan isaanii Obbo Fiqaaduu Teessisaa jedhaman kan ajjeesan oggaa ta’u, ganduma kana keessattis loon uummataa jalaa guurrachuun akka qalataa jiran maddeen gabaasan.

Namoota loon jalaa fudhataman keessaa muraasni, Obbo Kabbadaa Galataa jalaa loon 20, obbo Fiqaaduu Kabaa jalaa loon 15, obbo Tasfaayee Jogoraa jalaa loon 16, obbo Abarraa Gabayyoo jalaa ammoo mana jireenyaa qabeenya waliin kan guban oggaa ta’u ganda Gabaa Ayyaanaa keessatti immoo obbo Abdii Firrisaa kan jedhaman qotiyyoo isaan ittiin qotaa jiran qonnaa irraa hiiksisuun akka qalatan maddeen dabaluun ifoomsan.

Kana malees namoota hedduu reebanii miidhaa qaamaa jabaaf kan saaxilan oggaa ta’u gariin immoo qabanii akka dhabamsiisantu dubbatama. Namoota miidhaa jabaan irra ga’e keessaa Ganda Bariisoo irraa Obbo Jireenyaa Addaamoo  du’aa fi jireenya gidduu jiru jechuun maddeen onichaa dubbataniiru.

Aanaa Guutoo Giddaa kana ganda Soolee jedhamu irraa waraanni maafiyaa pp nama maqaan isaa ‘Biqilaa Margaa’ jedhamu badii tokko malee gaafa Caamsaa 19, 2024 ” hidhata WBO qabda” jechuun ajjeesanii gatanii jiru.

Dabalataanis, Caamsaa 19, 2024 ganda Eebbaa irraa shamarran maqaan isaanii: Boontuu, Mootuu, Bijigee Baqqalaa fi kanneen biroo sababa tokko malee magaalaa Naqamteetti hidhanii dararaa jiraachuu fi abbaa fi ilma kan ta’an Zarihuun Tashoomaa fi Obbo Tashoomaa Olumaa kanneen jedhaman “mana keessan gubna” jechuun doorsisanii qe’ee fi qabeenya isaanii irraa akka isaan godaanan gochuu isaanii jiraattonni gandichaa eeraniiru.

Aanuma kana ganda Qajeelaa irraa namoota maqaan isaanii Solomoon Horaa, Sambatee Waaqoo fi Godee Garbuu kanneen jedhaman bakka addaa Dabbasee jedhamu irraa gaafa Caamsaa 20, 2024 sababa tokko malee qabuun dararaa hamaa irraan ga’aa kan jiran yommuu ta’u, meeshaaleen waraanaa sagalee gurguddaa dhageessisan guyyaa dheengaddaa jechuun gaafa Caamsaa 21, 2024 waraanni faashistii Abiy Ahimed aanaa Guutoo Giddaa keessatti uummata irratti dhukaasaa ooluun himameera.

Exit mobile version