Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa onoota Saasiggaa, Limmuu Galiilaa fi Haroo Limmuu keessatti ajjeechaanii fi manneen uummataa gubun haammate

Godina Baha Wallaggaa onoota Saasiggaa, Limmuu Galiilaa fi Haroo Limmuu keessatti ajjeechaanii fi manneen uummataa gubun haammate.

ONM-ABO Hagayya 23,2022 Mirga namummaa uummata oromoo sarbuun uummata Oromoo irratti duguggaa sanyii raawwachaa kan jiru murni bilxiginnaa badii tokko malee ajjeechaa uummata nagaa irratti raawwatu cimsee itti fufe jira.

Murni bilxiginnaa naasuu lammiilee Oromoof hin qabne gochoota farra namoomuma uummata kana irratti hojjetu jabeessuun uummata nagaa ajjeesuu fi manneen uummataa sababoota garaagaraan gubaa jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 13,2022 ona Saasiggaa magaalaa Gabaa Jimaataa keessatti Qeerroo Oromoo maqaan isaa Sanbatoo Waaqgaarii jedhamu, nama siyaasa kam irraa iyyuu bilisa ta’e Oromummaa qofaan yakkuun rasaasaan yoo madeessan qeerroo kan biraa Mitikkuu Jargifee Jedhamuu immoo reebicha hamaa irraan ga’aniin ajjeessanii deemanii jiru.

Oduma wal fakkaatuun ona Limmuu Galiilaa ganda Muk-Arbaa jedhamutti Hagayya 21,2022 manneen uummataa namoota waliin gubuu fi manneen biroo ammoo qabeenya hedduu waliin gubuun barbadeessanii jiru.

Namoota manneen isaanii gubate maqaan isaanii Tafarii Fayisaa manaa fi qabeenya keessa jiru akkasumas doqdoqqee tokko waliin yemmuu guban, Margaa Fayisaa qabeenya guutuu fi Boqolloo keeshaa 20, akkasumas buna keeshaa 5 waliin gubanii jiru.

Kana malees Qixxeessaa Gannatii jalaa qabeenya mana guutuu fi buna keeshaa tokko waliin gubanii deemuu jiraattonni dubbatan.

Waraanni sirna bixiginnaa kun ona Haroo Limmuu ganda Uuchaatti Hagayya 18,2022 maanguddoo tokko ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti ittiin jechuun reebicha hamaa erga irraan ga’aanii booda mana isaa jalaa gubanii jiru.

Murni bilxiginnaa godina Baha Wallaggaa onoota garaaagaraa keessatti ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi dararaa garaagaraa akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuun uummaticha qabsoo irraa duubatti deebisuuf yaalanis itti hin milkaa’in jiraachuu jiraattootni onoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version