ONM-ABO Bitootessa 18, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Gaattiraa Dambiitti hidhattoonni fi kaadiroonni Bilxiginnaa Bitootessa 14, 2025 qabeenyaa ummata Oromoo maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun saamuun, manneen uummataa ibiddaan gubanii barbadeessanii jiru.
Namootni qabeenyaan jalaa saamame:
- Obbo Dassaalee Baqqalaa jalaa loon 33,
- Obbo Dachaasaa Dhugumaa jalaa loon 6 yoo ta’u
achuma ganda Dhiibbaa Bashir keessaa ammoo:
- Obbo Faqqadaa Olaanaa jalaa loon 6,
- Obbo Waaqtolaa Adulaa jalaa loon 6,
- Obbo Raggaasaa Guddataa jalaa loon 10,
- Obbo Abdiisaa Nuqus jalaa loon 4 fi
- Obbo Maammoo Dheeressaa jalaa qarshii kuma dhibba tokkoo fi kuma shantama jalaa saamuun ibsameera.
Aanaa Limmuu Galiilaa ganda Odaa Lalisaa keessaa ammoo namoota manneen jalaa gubate keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Obbo Margaa Dabaloo jalaa mana jireenyaa lama, qabeenyaa mana guutuu gosoota midhaanii addaa addaa waliin yoo guban,
- Obboo Dabaloo Abdisaa jalaa mana tokko gubuun, buna ardaba 6 fi loon 9 jalaa ooffachuun addeeffameera.
Achuma aanaa Limmuu Galiilaa ganda Dagam keessaa ammoo:
- Obbo Dassaalee Raggaasaa jalaa mana jireenyaa tokko qabeenyaa guutuu waliin gubanii barbadeessanii
jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Murni Bilxiginnaa yeroo irraa gara yerootti yakkoota saamichaa uummata Oromoo irratti raawwachuu hojii idilee isaa godhatee jiru maqaa nageenya kabachiisuu jedhuun loltoota naamusa waraanummaa hin qabnee fi kabajaa namummaa hin eegne qawwee hidhachiisuun bobbaasee manneen uummataa abiddaan gubsiisee barbadeessaa jira.

