ONM-ABO Bitootessa 20, 2025
Jiraataa aanaa Haroo Limmuu ganda Gaattiraa Dambii kan ta’e Obbo Dassaalee Baqqalaa waraana faashistii PP’n yakkamee baatii 6 oliif hidhamee akka turetu himama.
Obbo Dassaaleen turtii baatii 6 oliifis hidhamee kan bahe yoo ta’u, tibbana ammoo shiftoonni koloneel Abiy Ahimed gara mana isaa deemuun meeshaa qabda jechuun yakkanii meeshaa manaa dhabnaan loon 45 jalaa saamuun dabalataan ibsameera.
Ganduma sana irraa: Obbo Booranaa Irranaa kan jedhamus shakkii meeshaa waraanaa qabdaan loon tokko jalaa fudhachuun, Faqqadaa Tasgaraa kan jedhamus abbaa isaa qabuuf deemanii abbaa manaa dhabnaan ilma qabanii akka hidhan ibsameera.
Aanichuma ganda Dhibbaa Bashir keessaa: Obbo Maammoo Dheeressaa jalaa loon 1, Obbo Raggaasaa Guddataa jalaa loon 6 fudhachuun, Obbo Fiqaaduu Olaanaa kan jedhamu ammoo meeshaa qabda jechuun loon karra tokko guutuu saamuun ibsameera.
Kana malees ganda Gaattiraa Dambii irraa: Obbo Faqqadaa Tasgaraa, Aadde Muluu Dheeressaa nama ganna 55 fi haadha ilmaan 9 akkasumas Aadde Galaanee Nugus nama ganna 50 fi ilmaan Sagal kan guddistu qabanii kan hidhan yoo ta’u, Obbo Qana’ee Injifataa maaguddoo umuriin isaanii 85 meeshaalee mana keessaa fi midhaan dabalatee jalaa erga guurratanii isas qabanii hidhuun beekameera.
Oduuma wal fakkaatuun aanaa Eebantuu, ganda Dongooroo Muxaa keessaa ammoo: Obbo Gammachuu Tufaa kan jedhamu ilma keetu qeerroo keessa jira jechuun loon 15 jalaa fudhachuun yoo deeman, jiraataa ganda Dongoroo Muxaa kan ta’e Obbo Naggasuu Gammachuu meeshaa qabda jechuun loon 5 jalaa kan saamanii fi jiraatama gandichaa Obbo Geetaachoo Hinsarmuu ammoo qarshii callaa kuma jaatamii shanii fi Gaangee tokko saamuun ifoomeera.

