Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaatti ergamtoonni impaayerattii yakkoota farra namoomaa akka gubaatii manneenii, ajjechaa, hidhaa fi saamicha qabeenyaa raawwachuun ibsame

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025 

Godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti torban kana keessa saamichi qabeenya uummataa irratti waraana impaayerattiin raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoota qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Obbo Miinuu Tulluu Horaa jalaa loon karra 2 guutuu,
  2. Obbo Dajanee Dabalaa Hurrisaa jalaa loon karra 5 guutuu,
  3. Tolasee Dammee jalaa loon 2,
  4. Obbo Turaa Badhaadhaa jalaa re’oota 4 fi 
  5. Obbo Caalaa Daadhii jalaa re’oota 4 

saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees namoonni hedduun gaaffii seeraa fi balleessaa malee butamuun mana hidhaa aanichaatti guuramanii dararamaa jiraachuun ibsamee jira.

Namoota hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa kanneen maqaa arganne:

  1. Tolaa Fedhaa Nagawoo,
  2. Bojaa Ayyalaa Roobii,
  3. Haayiluu Badhaasaa Dabalii,
  4. Taayyee Muluu Dooyyoo,
  5. Tashoomaa Ayyalaa Roobii,
  6. Dajanee Birruu Raggaasaa,
  7.  Dabalaa Girmaa,
  8. Jimaa Girmaa,
  9. Tolasaa Galaan,
  10. Mangistuu Darajee,
  11. Asaffaa Kabbabaa 

kanneen jedhaman yakka raawwatan osoo hin qabaatin mana hidhaatti dararamaa jiraachuu ONM odeeffatee jira.

Dabalataanis namoota hedduu jalaa manni jireenyaa fi qabeenyi isaanii gubatee kan manca’e yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaan nu qaqqabe:

  1. Obbo Bootee mana 1,
  2. Obbo Assaffaa Shifarraa mana 2,
  3. Obbo Dabalaa Milishaa mana 2,
  4. Obbo Sanbatuu Gonfaa mana 1,
  5. Obbo Mangistuu Haayiluu manaa fi meeshaa mana keessaa guutuu,
  6. Obbo Tolasaa Dabaluu  mana 2 fi meeshaa manaa guutuu,
  7. Obbo Addunyaa Birruu mana 2 fi meeshaa manaa guutuu,
  8. Obbo Dabalaa Waamii mana 2 fi meeshaa manaa guutuu, 
  9. Obbo Assaffaa Kabbabaa mana 2 fi meeshaa manaa guutuu,
  10. Obbo Magarsaa mana 2 fi meeshaa manaa guutuu,
  11. Obbo Addisuu Baqqalaa mana 1 fi meeshaa manaa guutuu,
  12. Obbo Ayyeetuu Goshuu mana 2 fi meeshaa manaa guutuun jalaa gubatee barbadaa’uun ibsameera.

Oduu ajjeechaatiin ammoo onichuma keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Shantamee Alamuu,
  2. Daamxoo Waaqjiraa fi 
  3. Abdoo Nugusee 

jedhaman yakka tokko malee akka ajjeesan himaniiru.

Exit mobile version