Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti saamicha, hidhaa fi reebicha waraana weerartuu Bilxiginnaan uummata irratti raawwatamaa jiru hammaate

ONM-ABO Muddee 7, 2025 

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa ganda Iluu Xoosinyiitti gaafa Muddee 2, 2025 loltoota murna Bilxiginnaan saamichi namoota irratti raawwate.

Oduu biraatiin ammoo jiraattota maqaan isaanii:

  1. Obbo Hinsarmuu Baalchaa Alamuu jalaa qotiyoo 2, re’oota 12, lukkuu 8 jalaa kan ooffatanii oggaa ta’u, 
  2. Obbo Dirribaa Taayyee Kibbii qotiyyoo 1,
  3. Obbo Tabsuu Muluu Likkaasaa horii 1
  4. Obbo Tashoomaa Tolchaa Barii, re’oota 3
  5. Aadde  Urgee Gammachuu Hordofaa horii 1 fi
  6. Obbo  Giddoo Fiqaaduu Warquu horii 2 fi ra’oota 2 jalaa ooffachuun gara mooraa waraanaatti akka galfatan jiraattonni dabaluun addeessaniiru.

Kana malees dheengadda Muddee 5, 2025 ammoo ergamtootni waraana garboomfataa Bilxiginnaa ganda Dheebisaa Aggaasaatti reebicha jabaa namoota baay’inaan 27 ol ta’aan irratti kan geggeessan oggaa ta’u, namoota kanneenis muraasni maqaan isaanii:

  1. Dirribaa Badhaadhaa Waaqjiraa,
  2. Caalaa Didhaa Damee,
  3. Katamaa Girmaa Nagaashv,
  4. Galaanaa Dirribaa Gasmuu,
  5. Fayisee Abarraa Borjii,
  6. Biraanee Bayii Ejersaa,
  7. Girmaa Nagaash Tulluu,
  8. Caalaa Odaa Sanee,
  9. Birruu Odaa Sanee,
  10. Caalaa Abbabaa Takkaa 

kanneen jedhaman dabalatee reebicha jabaa irra gaheen haalaan miidhamuun ibsameera.

Exit mobile version