ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025
Aanaa Ada’aa Bargaa ganda Tulluu Lammii keessatti Bitootessa 27, 2025 gubaatiin manneenii fi saamichi qabeenyaa uummataa irratti kan geggeeffame oggaa ta’u, namoota manni jalaa gubatee fi horiin jalaa saamame keessaas muraasni maqaa arganne:
- Obbo Maammitee Taammiruu jalaa mana qorqorroo 1 fi citaa 1,
- Obbo Bojaa Koorsaa jalaa qabeenyaa guutuu waliin gubuun loowwan inni qabu hunda saaman,
- Obbo Dajanee Asaffaa horii 9 fi midhaan jalaa saaman,
- Obbo Tashoomaa Margaa horii 9,
- Obbo Tulluu Hundee horii 3,
- Obbo Takiluu Daadhii horii 7 fi
- Obbo Asheetuu Bayeechaa qabeenya hunda jalaa saamuu jiraattonni ONM’f eeran.
Akkasumas aanichuma ganda Adaadaa Soddoolbeetii namoota maqaan isaanii:
- Obbo Jiidhaa Nugusee jalaa horii 4,
- ObboTuree Beekkataa jalaa horii 12 fi re’oota 3,
- Abbaa Hirkoo jalaa horii 8,
- Obbo Galmeechaa Birbirsaa jalaa qotiyyoo 2,
- Obbo Fiqiruu Girmaa jalaa horii 2,
- Obbo Takiluu Dhaadhii jalaa horii 7,
- Obbo Bookii Magarsaa jalaa qotiyyoo 2 fi
- Obbo Hundee Faanosii jalaa qotiyyoo 2 jalaa ooffatanii deemuun beekameera.
Namoota gochoonni suukanneessoon irratti taasifame keessaa muraasni:
- Obbo Tarrafaa Goffaa kan jedhaman qottoodhaan rukutuun du’aa fi jireenya gidduu jira,
- Obbo Baqqalaa Biraanuu kobolaa gubanii irratti kan coccobsanii fi
- Obbo Girmaa Badhaadhaa kan jedhamu ammoo Saanjaadhaan waraanuun kan beekame yoo ta’u, namoonni kunneen miidhaa qaamaa ulfaataan irratti raawwachuun haalli fayyummaa isaaniis yaaddessaa ta’uun barameera.

