ONM-ABO Adoolessa 12, 2024
Shirri karaa Bilxiginnaa Finxaaleeyyota Amaaraa duuba dhaabbachuun uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru daangaa kan hin qabne yoo ta’u, taateen Baha Wallaggaa keessatti raawwatamaa jiru waggoota lakkoofsisee jira.
Akkaatuma kanaan Baha Wallaggaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda Malkaa Lammii bakka addaa Gaalessa jedhamu keessatti kaleessa Adoolessa 10, 2024 finxaaleeyyonni Amaaraa Bilxiginnaan hidhachiifamanii jiran, nama maqaan isaa Obbo Badhaasaa Teekkuu Guddataa jedhamu lafa qonnaa isaatti itti dhukaasuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himan.
Gochi kun irra deddeebiin raawwatamaa jiraatus karaa waraana PP fi qaamolee inni hidhachiisee furmaata kan hin laanneef ta’uun, aanaa kana irratti waanti raawwatamu hammaataa dhufeera. Ajjeechaa raawwatame kana malees namoota hedduu irratti miidhaan qaamaa geggeefamaa turuu fi hedduun ammoo buqqaafamanii baqattummaan jiraachuu jiraattonni dubbatu.

