Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar aanota 12 keessatti leenjii milishummaaf qotee bultoota humnaan walitti qaban

ONM-ABO Hagayya 26, 2024

Aangoo isaa dheereffachuu qofaaf ilmaan Oromoo jireenya dhowwee qoraan ibiddaaf qophaa’e gochaa kan jiru bilxiginnaan fedhii isaanii malee, daa’imman umuriin isaanii hin geenye fi dagaggoota akkasumas jaarroolii osoo hin hambisin guuraa jiru.

Dargaggootas ta’ee namoonni gita cufa irra jiran maqaa leenjii loltummaan kallattii adda addaatti geeffamanis achi buuteen isaanii dhabamuun dhadhaa ibidda buute ta’anii hafaa jiru.

Badii ilmaan namootaa irra ga’aa jiru kan hin hubanne Bilxiginnaan, godina Kibba Lixa Shaggar aanaalee 12 keessaa warra yeroo  wayyaanee fi yeroo PP ammaa keessatti leenjii waraanaa qabanii manatti galan kamiiyyuu jechuun waamicha gadhameefii tureen namoonni waan argamuufii didaniif humnaan guuruutti ka’anii jiru.

Murni PP waamicha kana milkeessuuf aanaalee godina Kibba Lixa Shaggar keessaa dirqamaan qotee bultoota qonnarraa guuruun konkolaataa 15 leenjii milishaa jedhanii ijoollee isaanii irraa qabuun magaalaa Walisoo galchanii jiru jechuun odeessi magaalaa Wallisoo irraa ONM qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version