Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti waraanni murna faashistii PP dargaggoota humnaan qabuun leenjii waraanummaaf ergaa jiru

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti waraanni murna faashistii PP dargaggoota humnaan qabuun leenjii waraanummaaf ergaa jiru.

ONM-ABO Fulbaana 10, 2022 Oromiyaa godinaalee hedduu keessaa waraanni murna faashistii Abiy Ahimed ilmaan haadha hiyyeessaa humnaan qabuun lola isaan hin ilaallaneetti ergaa jiru.
Yeroo ammaa murni kun abbaan maatii osoo hin hafin daa’imman irraa oofuun maatiin rakkoo keessa kan galanii fi dargaggootas barumsa isaanii addaan kuchisiisuun carraa bor baratanii saba isaanii tajaajilan hanqisuun hirbaata rasaasaa taasisuuf qopheessaa jiru.

Kanneen goyomsaa fi humna jalaa miliquun diddaa agarsiisan ammoo haala argataniin qabanii reebaa fi mana hidhaatti galchu.

Gochi badii isaanii kun itti fufuun lixa Shaggar aanaa Jalduu bulchinsa magaalaa Goojjoo keessatti torban darbe irraa qabuun dargaggoota karaa irratti argan cufa qabanii mana hidhaati darbaa kan turanii fi gaafa Fulbaana 6, 2022 ammoo waajjira poolisii magaalichaatii baasuun dargaggoota baayinaan 70 ol ta’an leenjii waraanummaaf erganii jiru jechuun odeessi keessoo PP ona Jalduu Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Dargaggoonni hidhamanii achii baafamuun leenjiif deeman kan ammaaf maqaan nu ga’e Dabalee Ittichaa, Girmaa Soorii, Abdataa Galaalchaa fi Tolaa Shibbiru kanneen jedhaman yoo ta’u dargaggoonni kun barattoota ta’us maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version