ONM-ABO Mudde 15, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo qe’ee isaa irratti ajjeesuun hawaasicha sodaachisuuf hojii hojjetu kan itti fufe yoo ta’u, bakkoota cufatti ammoo dargaggoota humnaan ukkaamsuun leenjii waraanummaatti fe’aa jira.
Akka kanaanis gaafa Muddee 12, 2023 godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii ganda Naannoo Jidduu jedhamtutti dargaggoo Gulummaa Mokonnin jedhamu waraanni faashistii PP rasaasaan rukuchuun ajjeesan.
Dargaggoo Gulummaan magaalaa Amboo jiraachaa kan ture yoo ta’u, maatii isaa dubbisuuf gara aanaa Dirree Hincinniitti galee maatii isaa midhaan dha’uu gargaaraa osoo jiruu waraanni faashistii PP fi milishootni maatii isaa biraa qabuun fuula isaanii duratti rasaasaan rukuchuun ajjeesanii deeman.
Murni maafi’aa PP gamtokkoon humna waraanaa baay’ifachuuf dargaggoota humnaan qabee leenjiitti kan ergaa jiru yoo ta’u, gambiraan ammoo marartoo tokko malee rasaasaan harcaasaa oola.
Godinichuma aanaalee akka Amboo, Dirree Hincinnii, Cobii, Jalduu, Jibaatii fi Daannoo keessaa waraana isaa qe’ee uummataatti bobbaasuun qeerrowwanii fi abbootii maatii fedhii isaanii malee humnaan qabuun leenjiitti fee’aa akka jiru odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

