Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Dirree Hincinniitti saamichaa fi dararaan uummata nagaa irratti taasifamu cimee Itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 16, 2025 

Lixa Shaggar aanaa Dirree Hincinnii ganda Buuyyamaa Roggee bakka addaa Dossee jedhamuun beekamutti kaleessa Bitootessa 15, 2025 waraanni faashistii PP qabeenya Obbo Duulee Fayyeeraa loon karra tokko jalaa ooffachuun maatii isaa guutuu ukkaamsanii mana hidhaa Kamisee Roggeetti reebicha fi dararaa haalaan ulfaataa irratti raawwachuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Akkuma onichaatti miidhaan waraana faashistii PP’n maatii qabsaa’otaa fi namoota sabboonummaa qaban irratti adeemaa jiru hawaasichatti haalaan ulfaatee jira.

Waraanni murna garboomsaa PP maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun bobba’anii manneen hawaasaa qabeenya waliin gubuu, saamicha beeyladootaa fi maallaqa callaa manneen namootaa seenuun saamuu, namoota ukkaamsuun hidhuu fi ajjeechaa suukkanneessaa raawwachaa akka jiranis jiraattonni himaniiru.

Dhiittaa mirga namoomaa Bilxiginnaan afaan qawweetti dhimma bahuun raawwachaa jiruun uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti bahaaf gala danqamee qabeenyaa fi ilmaan isaa guyyaa guyyaan itti dhabaa jira.

Exit mobile version