ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Allaanuu Shonkoraa keessatti waaranni faashistii PP waarana bilisummaa Oromoo nyaachistu maqaa jedhuun Bitootessa 7, 2025 qabeenya jiraataa gandichaa nama maqaan isaa Obbo Nigaatuu Addunyaa jedhamu horii 6 saamuun akka deeman ibsameera.
Murni Bilxiginnaa qabsoo Waraanni Bilisummaa Oromoo mirga hiree murteeffaannaa saba Oromootiif gochaa jirutti danqaa fi gufuu ta’ee qabsicha dhabama gochuuf halkanii fi guyyaa maatii qabsaa’otaa fi namoota hidhata WBO qabu jedhee shakkii irraa qabu ukkaamsee hidhuu, qabeenyaa saamuu fi ajjeechaa irratti raawwachuu bartee taasifatee qe’ee boo’ichaa fi watwaannaa gochaa jira.
Ummanni Oromoo goolama siyaasaa, saamicha diinagdee fi sarbama mirgaa akkasumas hawaasummaan irra ga’u kun yakka baroota mootolii dhufaa darbaa kamiirrayyuu sabicha irra ga’ee hin heekne bara bulchiinsa sirna Bilxiginnaatti keessummeessuu itti fufeera.

